You are currently viewing Daldala (Business) Online 5 Maallaqa Saffisan Fidan
Daldala (Business) Online 5 Maallaqa Saffisan Fidan

Daldala (Business) Online 5 Maallaqa Saffisan Fidan

Naaf gala… namoonni baay’een hojii online irraa nuffanii jiru. Gariin yaalanii kufan, gariin ammoo liinkii garaagaraa hordofanii, yeroo fi maallaqa isaanii balleessan; garuu bu’aa isaan barbaadan hin arganne. Kun siif dhumaa miti. Yoo xiqqaate, waan tokko baratteetta: maal akka hin hojjenne sirritti beekta.
Amma waanuma sana irra deddeebi’uu dhiisi. Karaa sirrii fi Bisnasii xiqqaa irraa jalqabuun, bu’aa argamsiisuu danda’u irratti xiyyeeffadhu.
Arra Hojii Daldalaa ykn Bisnasii 5 Sitti agarsiisa.
Kqn immoo Karaa laafaan hojjattee, Guyyaa 30 ykn achii gaditti galii irraa arguu dandeessu. Hunda eegaluun sin barbaachisu, isaan keessaa tokko kan sitti tole filatta, of kennitee guyyaa 30 itti aananiif hojjatta.


1️⃣ Digital Product.


Digital Product jechuun akka dukkaana online tokkootti yaadi. Garuu garaagarummaan isaa, meeshaa qaamaan bittee kuusuu ykn geejjibsiisuun sirraa hin eeggamu.
Meeshaa digital ofii keetii uumtee, yeroo baay’ee irra deddeebitee gurguruu dandeessa. Dukkaana qaamaa, kuusaa meeshaa fi meeshaa geejjibsiisuu si hin barbaachisu.
Amma, “Dhugumaan online irraa galii argachuu fi mindaa koo cinaatti galii dabalataa ijaaruu nan barbaada” yoo jette, har’uma irraa jalqabuu dandeessa.
“Akkamittiin jalqaba? Maal hojjedha?” jettee hin yaadda’in. Wanti si barbaachisu hundi qophaa’ee jira. Video armaan gadii daawwattee Guyyoota dhufan kana hojiitti seenuu dandeessa.

👉 Link ➡️ Barnoota Digital product

2️⃣ Faceless YouTube & Tiktok.

Fuula kee agarsiisuu ykn kaameraa dura dhaabbachuu osoo hin barbaachisin, YouTube fi Tiktok irratti channel ijaartee galii argachuu dandeessa. Kunis Faceless jedhama. Mata-duree namoonni jaallatan filattee, script qopheessitee, sagalee itti dabaltu, suuraa/video walitti qabdee maxxansita. Hojii kana keessaa baay’een isaa AI fi tools garaagaraatiin salphachuu danda’a.
“Ani fuula koo hin agarsiisu, garuu YouTube fi TikTik irraa galii argachuu barbaada” yoo jette, kun karaa tokko siif ta’uu danda’a. Jalqabuuf maal gochuu akka qabdu, akkamitti video uumuu fi channel kee guddisuu akka dandeessu hundi qophaa’ee jira.
👉 Liinkii kanaan baradhu, har’uma irraa jalqabi ➡️ Barnoota YouTube Automation

3️⃣ Affiliate Marketing


Affiliate Marketing jechuun oomisha ykn tajaajila nama biraa beeksistee, yeroo namni linkii kee irraa bitu komishinii argachuudha. Oomisha ofii kee uumuu, kuusaa qabaachuu ykn meeshaa gara namaatti geessuu sin barbaachisu.
Ati wanta namoonni barbaadan filatta, linkii addaa kee argatta, namootaaf beeksista; namni linkii kee irraa yoo bite, ati komishinii argatta.
“Ani oomisha ofii koo hin qabu, garuu online irraa galii dabalataa argachuu barbaada” yoo jette, Affiliate Marketing siif filannoo gaarii ta’uu danda’a.
Akkamittin jalqaba?, maal beeksisuu fi akkamitti namoota gara linkii keetti fiduu akka dandeessu tartiiba tartiibaan qophaa’ee jira.
👉 Liinkii kanaan baradhu, har’uma irraa jalqabi ➡️ Barnoota Affilitae Marketing

4️⃣ Forex Trading


Forex Trading jechuun maallaqa biyyoota garaagaraa wal jijjiiruun, sochii gatii isaanii irraa bu’aa argachuuf daldaluu dha. Garuu kun hojii salphaa miti; risk isaa guddaa dha, kanaaf osoo hin jalqabin dura maalummaa isaa, marketii akkamitti akka hojjetu, risk management fi trading strategy sirriitti barachuun murteessaa dha.
Wanti sirraa eegamu jalqaba maallaqa guddaa galchuu osoo hin taane, barachuu fi practice gochuudha. Erga beekumsa fi muuxannoo gahaa argattee booda, broker sirrii filattee account xiqqaan ykn demo irraa jalqabuu dandeessa.
“Forex irraa galii argachuu barbaada, garuu akkamitti akka hojjetu hin beeku” yoo jette, jalqaba baradhu; booda hojii irra oolchi. Maallaqa kee risk gochuu dura beekumsa kee guddisi.
👉 Liinkii kanaan Forex Trading sirriitti baradhu ➡️ Barnoota Forex Trading